home search help Quunnamti
 
   

Home
Wa'ee MIS
Lallaba
Hidhaatta
Kadhannaa
Siwaama

 

Ministry Ifaa fi Soogiddaa
10/28 Cleone St. Guildford NSW 2161
Sydney, Australia
Tel. 614-316-92304

 Sign Our

 

GOD Watches over you!!
How close?
How often?


Click for the demonstration

 

 

 

Yesuus Siwaama kottu Gara Goofta!!

 

 

 


 
1 NAMNI CUBBAMAA TA'UU ISAA

Yakki keessan isiniif Waaqayyoo keessan giddu goree gargar isin ittise, akka iainiif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isa isin irraa hin deebise. ISA59:3

Hundinuu yakkaniiru ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir'atera.

2 JAALALLI WAAQAYYOO NAMNI HUNDINUU AKKA FAYYUUFI

Hattuun waan biraatiif utuu hin ta'in hatuu dhaaf, qaluu dhaaf, balleessuu dhaaf dhufti, Ani garuu Hoolonni jireenya haaqabaataniif, irraa hafaas haaqabaataniif dhfeera. YEW10:10

Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaal'ate; Kun immo isatti kan amanu hundinuu jireeyna bara baraa haaqabatuuf malee haa baduuf miti. YEW 3:16

Akeeki Waaqayyo nami cubbuu isaatiin akka hin banneef qooda namoota hundaa biyya lafaa guutummaa dhaaf ilmaa isaa dabarseetu kenne. Afaaniin, Sanyii dhaan, Qomoo fi bifaan nama utuu gargar hin baasin namoota hundumaaf gatii cubbuu isaanii baasuu kandanda'u tokkicha ilma isaa dabarsee kenne.

3 WAAQAYYO NAMATTI ARAARAMUU ISAA

Waaqayyo garuu utuma nuti cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaal'ate hin argisiise.ROM 5:8

Waaqayyo tokkicha inni gidduu dhaabatee immoo kiristoos Yesuus isa nama ta'ee mul'atedha.
1TIM 2:5

Obboleessa koo atis obboleetii koo Waaqayyo karaa ilma isaa Yesuus Kiristoos sitti araarameera, Inni si jaal'ata, akka ati baddus hin barbaadu.

4 ITTI AMANUU

Yesuus Gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du'aa akka isa kaase immo garaa keetti yoo amante fayina bara baraa hin argatta. ROM 10:9

Kunoo ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta, Namni sagalee koo dhaga’ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin hin nyaata.
MUL 3:20

Har’a waanti Waaqayyo sirraa barbaadu waan tokko duwwaadha innis immo akka ati garaa kee isaaf bantu dha.


5 Yoo waan gararraatti barreefame hubatte Yesuus Kiristooiin akka fayyisaa lubbuu keetiitti ni amanta yoo ta’e harka kee gara isaatti ol-kaasiitii kadhata kanaan gaditti barreeffame kadhadhu.


Yahaa Waaqayyo Gooftaa ani sin galateefa dha,
Karaa Ilma kee Yesuus Kiristoosiin waan na barbaaddeef ulfaadhu.
Ani cubbamaa dha, cubbuu koottii na qulleessi.
Ani kana booddee kan keetii, jireenya koo dhunfadhu.
Seexanaaf biyya lafaa hojii isaa wajiin ganeera,
Mucaa kee nagodhadhu maqaa Gooftaa Yesuusiin

AMEEN!
 

 

 

 

 

 

 

 

 



Waaqayyo inni ganama ganama araarri isaa
haaraa ta’e, yeroo dha gara yerootti dibataaf
ayyaana haaraa dhaan guyyoota keenya akka
 jalqabnu fedha. Dibata haaraa isa Waaqayyo
har’a kennu argachuuf barii ganamaa ituu hojiitti
hin ba’in gara kana kottuutii hirmaadhu


Oromo Christians
Oromo Gospel
Waldaa Oromo Seattle
Bible on line
Lion & Lamb Fellowship
Oromo Los Angeles
 

Waa'e Soogidda
Waa'e Ifaa
Click Here


  Home ] Wa'ee MIS ] Lallaba ] Hidhaatta ] Kadhannaa ] [ Siwaama ]